''Mootummaan naannoolee hongeen miidhamaniif deeggarsa taasisu cimsee itti fufa''

60

Amajji, 16/2014(TOI) -Mootummaan naannwwaa horsiifate bultootaafi lafa gammoojjii balaa hongeen miidhamaniif deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta'uu Komishiineerri hoggansa balaa sodaa Mitikkuu Kaasaa himan.

Bara kana hogeen kibbaa fi kibbaa bahaa biyyaattitti uumame sababa jijjirama qilleensaa 'Aliinaa' jedhamuun kan uumameedha.Komishineer Mitikkuu Kaasaa TOI akka himaniitti, naannoo Somaaleetti godinoonni 9 , naannoo Oromiyaatti Godina Booranaa fi Gujii lixaa, akkasuma godina Haraargeefi Baaleetti bakkeewwan lafa gammoojjitti hongee kun uumameera.

Naannoo kibbaa Konsoo , Gaamoo, Goofaafi Walaayittaa bakkeewwan lafa gammoojjitti, akkasuma Godinni Oomoo Kibbaa hongee kanaan bakkeewwan miidhamaa jiranidha.

Akka Komishineerichi jedhanitti hongeen kun lammilee miiliyoona 6 caalaanrraan dhiibbaa cimaa geesiseera.

Itti aanaa Ministira Muummee FDRI obbo Dammaqaa Mokoniniin kan durfamu Koreen Ittisa balaafi qophaa'inaa, kallattii ittiin balaa hongee kanarraa damdamachuun danda'amurratti mari'achuu himaniiru.

Naannoleen hongeen itti mudatees ijaarsaa sadarkaa Federaalaatti jiru hordoofuun koree hundeessuun hojjechaa akka jiran eeraniiru.

Naannoleetti jiddugala qindeessaa deebii kennaa yeroo ariifachiisa hundeesuun hojiitti kan galaniifi Karaa sagantaa nyaata addunyaa deeggarsi dhihaachaa jiraachuu himaniiru.

Deeggarsa waantoota nyaata waliin walqabataniin cinaatti dhiheessii bishaniifi tajaajila kennisa yaala fayyaa beelladaa fi nama bakka bakkaatti socho'amee kennamaa jiraachuu himaniiru.

Deggarsii kuns cimee kan itti fufu ta'uu Komishineer Mitikkuu Kaasaa himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015