Adaamaatti geggeefamaa kan ture gamagamnii hojii Mootummaa naannoo Oromiyaa baatii ja'aa 6 xumurame.

78

Amajji, 16/2014(TOI) - Guyyoota sadan darban magaalaa Adaamaatti geggeeffama kan ture gamagaminii raawwii hojii mootummaa naannoo Oromiyaa fi Paartii Badhaadhina damee Oromiyaa kan baatii jahaa xumurame.

Gamagama kanaanis dadhabinaa fi cimina hojii Paartii badhaadhina damee Oromiyaa, Mootummaa naannoo Oromiyaafi ijaarsa hojii siyaasaa adda baase ilaalameera jedhameera.

Baatiiwwan sadan darban uummata hirmaachisuun misoomaa fi siyaasaa irraatti hojiin mikaa'oon heduun hojjetamuun ilaalameera jedhameera.

Gara fuula duraattis hojii misoomaafi siyaasa irratti hoggansa cimaa kennuun hojjechuun xiyyeeffannoon akka kennamuuf kallattiin kaa'ameera jechuun OBN gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015