Shakkamtoonni qar. mil. 8 matta'aa fudhachuufi kennuuf waliigalan qabaman

58

Amajji, 14/2014(TOI) -Galii mootummaa hir'isuufi dhoksuuf hojjettoonni qarshii miliyoona saddeet matta'aa fudhachuufi kennuuf waliigalan harkaafi harkatti qabamuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksise.

Hojiigaggeessaafi hojjetaan Warshaa Baqsaa Sibiilaa Niijimaan waldaa dhuunfaa ittigaafatamummaansaa murtaa'ee galii biyyaaf galu dhoksuuf yaadanii hojjetaa oditiifi hordoffii galiif qarshii hangisaa eerame kana kennuuf yaalanis ogeessichi eeyyamama waan hintaaneef osoo hinmilkaa'iin hafeera.

Ta'us hojiihaggeessaafi hojjetaan dhaabbilatichaa ammas ittifufuun hojjetaa Ministeera Galiiwwanii Daggif Zabbir jedhamu bira dhaquun yakka kana raawwachuuf waliigaluusaanii poolisiin ibseera.

Qarshii miiliyoona saddeet matta'aa kennuufii fudhachuuf waliigalanii oggaa dursa qarshii kuma 198 walii kennuuf jedhan eeruu ummataafi hordoffii miseensota pooliisiitiin
harkaafi harkatti qabamuunsaanii Komishinii Poolisii Federarraa ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015