Naannoo Gaambeellatti duulli hojii misooma Sululaa eegalame - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Gaambeellatti duulli hojii misooma Sululaa eegalame
69
Amajjii 13/2014 (TOI) – Naannoo Gaambeellatti duulli hojii misooma Sululaa Godina Saba Maajangii aanaa Mangashiitti eegalameera.
Naannichatti bara kana lafa hektaara kuma 49 irratti hojiin eeggumsa biyyoo fi Bishaanii kan hojjetamu ta’uu ibsame.
Jiraattoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 50 ol duulicharratti ni hirmaatuus jedhameera.
Duulli baatii tokkoof turu kun bakka Pireezdaantiin naannichaa obbo Umood Ujuluu fi hoggantoonni mootummaa olaanoon argamanitti ifatti eegalamuu ibsameera.