Shirri qaamoleen maqaa gaarii Itoophiyaa balleessuuf ayyaanichi karaa nagaan akka hin kabajamneef karoorsanii turan fashalaa'eera.

63

Amajjii 13/2014 (TOI) – Ayyaanni Cuuphaa karaa nagaa akka kabajamee hin xumuramneef Shirri qaamoleen maqaa gaarii Itoophiyaa balleessuuf socho'aa turanii osoo hin milkaa'iin hafuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Ayyaannichi guutuu Itoophiyaatti haala ho’aan kabajamee darbuus ibseera.

Duudhaaleen amantaa, aadaa fi hawaasummaa ayyaanicharratti mul’atan tokkummaa Itoophiyaanotaa baroota dheeraaf ture addunyaatti kan mul’ises ta’uu ibsameera.

Qaamolee nageenyaa fi hawaasaa ayyaanichi guutummaa biyyattiitti karaa nagaan akka kabajamuuf ga’ee ba’ataniif mootummaan galateeffachuu eerameera.

Itoophiyaan taateewwan gurguddoo idil addunyaa keessummeessuuf akka jirtu, taateewwan kunneen akka hin milkoofnee fi maqaa gaarii Itoophiyaa balleessuuf qamoleen barbaadan ayyaanicha jeequun kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf yaalanis kan hin milkoofneef ta’uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015