"Sona amantiifi aadaa boonsaa qabnuun rakkoo nu qunnamu jalaa bahuu qabna"

Amajji,11/2014(TOI) - Sona amantiifi aadaa boonsaa qabnuu ittifayyadamuun rakkoo nu qunnamu jalaa bahuu qabna jechuun Ministirri Aadaaf Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa dubbatan.

Obbo Qajeelaan sirna kabaja ayyaana Cuuphaa Finfinneetti kabajamerratti ergaa dabarsaniin, sonni amantii biyya keenyaa hawaasa biyyattii amala gaariin akka bocamuuf gaheensaa guddaadha jedhan.

Kanaaf baay'ee taanee akka tokkootti, tokko taanee akka baay'eetti walkabajnee akka waliin jiraannuuf shoora guddaa akka bahatan ibsaniiru.

Aadaawwaniifi amantiilee ittiin boonnu guddaa waan wabnuuf hawaasni keenya sona bareedaa kanatti sirnaan akka fayyadamnun dhaama jedhan.

Ittigaafatamtuun Biiroo Aadaafi Turizimii Finfinnee Doktar Hiruut Kaasaawu gamasaaniin Iyyasuus Kiristoos kabaja guddaa namootaaf qabu agarsiisuuf laga Yordaanositti qulqulluu Yohaannisiin cuuphamuunsaa namootaaf kabaja barsiisuuf waan ta'eef hawaasni keenyas barsiisasaa kanarraa barachuun barbaachisaadha jedhan.

Ayyaana kana kununsuunifi ittifayyadamuun dhaloota boriifiis dabarsuu qabna jechuun dubbataniiru.

Akkaataa barsiisa amantichaatiin namoota sabbaba garagaraatiin qe'eefi qabeenyasaaniirraa buqqa'an gargaaruu qaba jedhaniiru.

Sirni kaba ayyaana cuuphaa magaalaa Finfinneetti bakka abbotiin amantaa, anga'oonni mootummaafi hordoftonni amantichaa itti argaman Huru Boombii (Jaan meedaa)tti haala nageenyaafi dammaqina qabuun kabajameera.

Paatriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii Abuna Maatiyaas ergaasaanii karaa bakka bu'aa isaaniitiin dabarsaniin rakkooolee biyyattiin keessa jirtu karaa nageenyi itti bu'uu danda'uun hunda akka deeggaranifi gorsa amantaawaa keenya jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015