Yakkootaafi sarbama mirgaa namoomaa wayita waliitti bu’iinsa raawwataman haqaan ilaallamu akka qaban himame.

64

Amajjii 09/2014(TOI) - Yakkootaafi sarbama mirgaa namoomaa waliitti bu’iinsa duraafi booda raawwataman sirna haqaa idileen dabalatan haqa adda ta'een ilaaluun barbaachisaa akka ta'e Pireezidantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaala Aadde Ma’azaa Ashannaafi himan.

Maariin sirni haqaa waliitti bu’iinsi wayita muudatuufi erga muudaten booda gahee qabaatu irraatti xiyyeeffatu geggeeffameera.

Marii kana kan qopheesse Mana Murtii Waliigalaa Federaalaati.

Maariin kun dhimma haala yeroo Itoophiyaa kan giddugaleeffatee ta'uu maarii kanarratti himameera.

Marii Pireezidanti Itti Aanaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Obbo Salamoon Araddaan durfamu kanarratti, Pireezidantoota Manneen Murtii Naannoo Amaaraafi Naannoo Affaar akkasumas ogeeyyii seeraafi hayyoonni seeraa hawaasa diyaaspooraa irraa waliitti babahan hirmaacha jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015