Diyaaspooraan gara biyyaa baay'inaan dhufuusaan dameen Turizimii deebi'ee bayyanachaa jiraa jedhame.

62

Amajjii 06/2014(TOI) - Diyaaspooraan gara biyyaa baay'inaan dhufuusaan dameen Turizimii deebi'ee bayyanachaa jiraachuu Ministeerri Turiizimii beeksise.

Damee Turiizimii si'eessuuf “Cuuphaa Gondaritti” mata-duree jedhun ayyaanaa Cuuphaa Gondaritti kabajuf hojiin duraa xumuramus Deetaan Ministira Piroomoshiniifi Bittaafi Gurgurtaa Aaddee Salamaawit Dawwit, himaniiru.

Ayyaana kana hawaasa diyaaspooraa hirmaachisuun Gondaritti bifa ho’aa ta’een kabajuuf qophiin xumuramus himaniiru.

Kanaafis hirmaattoonni gara Gondoritti imalaa kan jiran ta’uu aadde Salaamaawit himaniiru.

Ayyaana kana dabalataan naannawa biroottis kabajuuf qophiin taasifamera jedhaniru.

Diyaaspooraaf marii paanaalii, daawwanna bakkeewwan hawwata turiistifi sagantaan Igzibishinii qophaahun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015