Shororkeessichi deeggarsi Tigiraayiif akka hin taasifamneef gufuu ta’uu ibsame - ENA Afaan Oromoo
Shororkeessichi deeggarsi Tigiraayiif akka hin taasifamneef gufuu ta’uu ibsame

Amajji, 5/2014(TOI) - Garee shororkeessaa TPLF maqaa ummata Tigiraayiin daldaluufi akka meeshaatti itti fayyadamuun ala ummatichaaf miira namummaa kan hin qabne ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen ibseera.
Konkolaataawwan 1010 deeggarsa namummaa fe’anii gara naannichaa seenan wayita naannolee Amaaraafi Affaar weeraretti loltootasaa ittiin deddeebisuuf itti fayyadamaa turuu ibsameera.
Midhaan nyaataa bakkeewwan weeraree turee saame manneen kuusaa naannoo Tigiraay keessa erga kuusee booda sarara deeggarsi namummaa ittiin gara naannichaa galu weeraruuniifi meeshaa waraanaa cimaa fayyadamuun dhukaasa banuun cufuu eereera.
Dhaabbileen nama hundaaf qixa dhaabbanna jedhan kanneen akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaa wayita garichi naannolee Amaaraafi Affaar weeraree turetti yeroo inni hospitaalotaafi buufataalee fayyaa saamuufi barbadeessu, lammiilee nagaa ajjeesuufi gudeedu garicha balaaleffachaa akka hin turre ibseera.
Inumaayyuu olola garee shororkeessaan kun mootummaan deeggarsi namummaa gara naannoo Tigiraay akka hin seenne taasisaa jira jedhu fudhachuun dhageessisaa turuufi kun mootummaa biratti fudhatamummaa kan hin qabne ta’uu beeksiseera.