Oromoon tokkummaa biyyaa eegsisee akkuma as ga'e sabaafi sablammoota hammatee ceesisuuf amaanaan irratti gatameera- Pirezidaanti Lammaa Magarsaa - ENA Afaan Oromoo
Oromoon tokkummaa biyyaa eegsisee akkuma as ga'e sabaafi sablammoota hammatee ceesisuuf amaanaan irratti gatameera- Pirezidaanti Lammaa Magarsaa
Beddellee Bitootessa 27/2011 Oromoon biyya ijaaree, tokkummaa biyyaa eegsisee akkuma as ga'e sabaafi sablammoota hammatee ceesisuuf amaanaa guddaan irratti gatameera jedhan pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa.
Pirezidaantichi kana kan jedhan guyyaa har'aa jiraattota godina Buunnoo Beddellee waliin wayita mari'atanitti dha.
Wayituma kana akka jedhanitti, bilisummaan amma argame kun akka dhufuuf ummanni Oromoo aarsaa guddaa kanfaleera.
Kanaaf bilisummaan kun dagaagee akka itti fufuuf amaanaa seenaanis seeraanis itti kenname waan qabuuf sabaa fi sablammoota jiran hammatee tokkummaa biyyaaf waliin hojjachuutu irra jiraata jedhaniiru.
Ummanni godina Buunnoo Beddellee marii kana irratti gaaffilee garaa garaa kassuun furmaanni akka itti laatamuuf kaasaaniiru.
Gaaffilee ummanni kaasan keessaas rakkoon Hoospitaala Beddellee, bu'uuraalee misoomaa kan akka daandii, Telekomunikeeshinnii, Olaantummaan seeraa kabajamuu dhabuu, yeroo adda addaatti dhagaan bu'uuraa kaa'amee osoo hin hojjatamiin kan hafan paarkiin Industirii, daandii baaburaa fi kanneen biroo furmaata akka argatan gaafataniiru.
Dabalataanis liqii baankiirraa fudhachuuf yeroo jennu bu'aa ba'iin bayyachuu, seerri Liiziis lafa misoomsuuf danqaa itti ta'uu himaniiru.
Gaaffii ummanni godina Buunnoo Beddellee kaaseef deebii kan kennan pirezidaanti Lammaan mootummaan yeroo ammaa kana rakkoo misoomaalee bu'uuraa Oromiyaa keessa jiran furuuf kutannoon hojjachaa jira jedhaniiru.
Gaaffileen ummanni godina Buunnoo Beddellee kaase mootummaadhaan kan beekaman waan ta'aaniif yeroo gababbaa keessatti furmaanni itti laatama jechuun dubbataniiru.
Dabalatees rakkoo Hoospitaala Beddelle furuuf hojiin hojjetamma jiraachuu himanii, liqii fudhachuuf bu'aa bahiin jirus furmaata argachuu isaa himaniiru.
Seerri Liiziis ilaalamma jira jechuun dhaamaniiru pirezidaantichi.
Dhagaan bu'uuraa daandii baaburaa fi Industirii paarkiif jedhamee kaa'amee ture siyaasaa yeroo sana ture maqaa itiin guddisuuf malee rakkoo ummataa hiikuuf kan kaa'ame miti jedhaniiru.
Ministirri muummee doktar Abiyyi gama isaaniitiin mootummaan olaantummaa seeraa daran kabachiisuuf hojjechaa jiraachau himaniiru.
Ummannis nageenya naannoo isaa eeggachuun mootummaa cinaa dhaabachuu qaba jedhan doktar Abiyyi.
Ummanni Oromoos sabaafi sablammoota waliin wal kabajee wal jaalatee jiraachuu qaba jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.