Diyaaspooraan qulqullina barnootaafi milkaa'ina isaaf deeggarsa akka taasisuu waamichi dhihaate

53

Amajji,02/2014(TOI) - Diyaaspooraan qulqullina barnootaafi milkaa'ina isaaf deeggarsa barbaachisu taasisuun gahee isaa akka bahuu Ministirri Barnootaa pirofeesar Biraanuu Naggaa waamicha dhiheessan.

Mariin Ejensi diyaaspooraa Itoophiyaan kan qopha'ee kan hojii waraana boodaa fi deebisanii ijaaruu irratti xiyyeeffate geggeeffamaa jira.Marii kana irratti hoggantoonni mootummaa fi diyaaspooraawwan gara biyyaa dhufan hirmaataniiru.

Ministirri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa marii kanarratti akka dubbatanitti, sirna barnootaa Itoophiyaa keessaatti rakkoon qulqullina barnootaa kan hidda jabeeffate akka jiru himaniiru.

Rakkoo kana furuun dhalootaa saayinsii fi tekinolojiin qaroome uumuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Diyaaspooraanis rakkoo qulqullina barnootaa kana furuufi milkaa'ina isaaf gahee irraa barbaadamu akka bahu waamicha dhiheessaniiru.

Rakkoowwan sirna barnoota keessatti muli'ataa jiran keessaa tokko dandeetti afaanii ta'uu himiuun, diyaaspooraan dandeettii Afaanii baratootaa gabbisuu keessaatti hirmaanna taasisuun akka irraa eegamuu eeraniiru.

Dabalataanis manneen barnootaa garee shororkeessaa ABUT tiin manca'an deebisanii dhaabuu keessatti gahee isaanii akka bahan gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015