Agarsiisni suuraa miidhaa namoomaa fi qabeenyaa garee shororkeessaan ABUT qaqqabsiise mul’isu agarsiisaaf baname

57

Amajjii 1/2014 (TOI) – Agarsiisni suuraa miidhaa namoomaa fi qabeenyaa garee shororkeessaan ABUT naannoo Amaaraatti qaqqabsiise mul’isu magaalaa Baahirdaaritti agarsiisaaf banameera.

Gareen shororkeessaa ABUT naannichatti miidhaa namoomaa fi qabeenyaa cimaa geessisuu Ittaanaan Preezdaantii naannichaa Dooktar Geetaachoo Jambar sirna agarsiisa suuraa kanarratti ibsaniiru.

Rakkooleen akka kanaa gara fuulduraatti akka hin mudanneef ajandaalee qoqqoodiinsaa dhiisuun tokkummaan cimanii dhaabachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Suuraawwan kanneen hawaasni qaamaan argamuun daawwachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Sirna baniinsa agarsiisaa kanarratti hoggantoonni olaanoo naannichaa fi miseensonni diyaaspooraa argamuu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015