Ministirri muummee doktor Abiyyi Ahimad fi pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaan magaala Beddellee galaniiru

Beddellee Bitootessa 27/2011 Ministirri muummee federaalawaa Itiyoophiyaa doktor Abiyyi Ahimad fi pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaan Beddellee galaniiru.

Ministirri muummee Doktor Abiyyi fi Pirezidaanti Lammaa Magarsaan Beddellee wayita gahan aangawoonni mootummaa godinaa, Abbootiin gadaa, abbootiin Amantaa fi hawaasni Godina Buunnoo Beddellee simataniiru.

Ministirri muummee fi pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Marii hawaasaa godina Buunnoo Beddellee waliin ni taasisu, akkasumas bu’uuraalee misoomaa adda addaa ni daawwatu jedhameetu eegama.

Aangawoonni mootummaa Lamaanuu godina Buunnoo Beddellee yeroo dhufan inni amma kan Jalqabaati.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015