Sagantaan Misomaa bosonaafi kununsa lafaa jijjirama haala qileensaan hin miidhamnee bayyanachiisuu ifoome.

Mudde, 19/2014 (TOI) - Sagantaan Ministeerri Qonnaa, Insitiitiyuutii misooma magariisaa idil addunyaa fi Ejensii gargaarsa idil addunyaa Kooriyaa waliin ta'uun kan hojiirra oolchan misoomaa bosonaa fi kununsa lafaa jijjirama haala qilleensaan hin raafamne bayyanachiisuu ifoome.

Sagantaa kanaan naannawwaa yaa'awwaniitti lafa qabeenyii umamaa irraa manca'ee deebisanii misoomsuuf doolaarri miiliyoona 9.6 ramadameefira.

Sagantaan kun waggoota shanaan dhufan hojiirra kan oolu yoo ta'u baasii hojii kanaaf oolu kan baasii taasisu Ejensii gargaarsa idil addunyaa Kooriyaadha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015