“Bilisummaa fi Kabajaa keenyaa aarsaa kanfalleen arganneera,qabeenya manca'es deebisnee ni ijaarra''

63

Mudde, 18/2014 (TOI) - Pirezidaantiin naannoo Amahaaraa doktar Hiliqaan Kaffaalee “Bilisummaa fi Kabajaa keenyaa aarsaa kanfalleen arganneera,qabeenya manca'es deebisnee ni ijaarra'' jedhan.

Dokta Hiliqaal garee shororkeessaa ABUT kan manaca'eefi saamamee Yuunivarsiitii Waladaayaa daawwataniiru.Gareen shororkeessicha gochaa fokkisaa raawwateen jibbaa Amahaaraaf qabu qofaa osoo hin taane jibba Uummata Itoophiyaa hundaaf qabu muli'iseera jedhaniiru.

Garichi dhalloonni akka hin baranneefi,akka baratee hin badhaaneef, walaalummaan akka dagaaguuf, itti yaadee dhaabbilee barnootaa mancaasuu himaniiru.

Yuunivarsiitichi sadarkaa biyyaatti bakka hundaayyuu dhufanii kan baratoonni itti baratan ta'uu kan eeraan doktar Hiliqaal, dhala namaaf kabajaa kan hin qabne gareen shororkeessaa ABUT mana barnootaa kana mancaaseera jedhaniiru.

Dhaabbilee gareen shororkeessaa ABUT mancaase kana deebisanii dhaabuuf uummanni Itoophiyaa hundi socho'aa jiraachuu himaniiru.

“Bilisummaa fi Kabajaa keenyaa aarsaa kanfalleen arganneera kan jedhan doktar Hiliqaal qabeenyaan manca'ee kan baay'ee nama gaddisiisuu ta'uus uummata Itoophiyaa hundaa waliin ta'uun qabeenya manca'es deebisnee ni ijaarra jedhaniiru.

Hawaasni naannaawwa garee kanarra bilisa bahan keessa jiraatus waan darbeef gaddaa keessa turu caalaa boqonnaa haaraa gara fuula duratti jiru irratti xiyyeeffatanii hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015