Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad diyaaspooraa gara biyyaa dhufaniin baga nagaan dhuftan jedhan

85

Finfinnee, Muddee 17/2014 (TOI)- Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad diyaaspoorawwan waamicha taasifameef hordofuun biyya dhaloota isaanii daawwachuuf dhufaniin baga nagaan dhufatan jedhan.

Doktar Abiy ergaa baga nagaan dhuftanii kana kan dabarsaan karaa toora miidiyaa hawaasaa isaniini.Doktor Abiy Ahimad Biyyi heddummina maatii tokkoon deebi’uu ni danda’aa.

Dandeettiin bu’uuurri maatii tokko irraa dhaabbatee kan beekamuu yeroo gammachuurraa yeroo rakkoo kan muudatudhaa jedhaniiru.Heddumminni qormaataa maatii tokko tokko yoo walitti dhiyeessuu kaan ammoo walirra fageessaa.

Maatiin bu’uurri isaa laafaa ta’ee balaa yoo muudatuu miseensa maatii keessaatti adda adduummaa ni muul’ata, komiin isaanii dhokatee ni ba’aa, quba walitti qabuuniis ni hedduummaataa, ijooleen maatiichaa qormaatichi wal gargaraanii keessaa ba’uurra ‘maal na dhibee’ jechuu eegaluu.

Carraa maatii kanas dhumarratti diigamuu ni ta’aa.Faallaa isaan maatiin bu’uraa jabaarra dhaabbatee qormaanni dhufuun tokkummaa isaa ni cimsa malee adda addaa hin baasuu jedhaniiru.

Adda addummaa jiraatuyyuu yeroof cinaatti dhiisuun karaa qormaatichaa keessaa ittin ba’uurratti ni xiyyeeffatu.Hundi dandeetti qabuu hundaan ni falmaa.

Kufuu fi ka’uu qixaa addan hiratee qormaatichaa wayita ce’uu hundi walqixa gammadaa jedhaniiru.

Yeroo kun Itoophiyaan akka biyyatti yerotti qormaata guddaa keessaa lixxeedha.Qormaatoonni ishee jabaachuun boqonnaa ishee dhowwachuun, dhagaa hin darbannee hin qaban, Itoophiyaan garuu tumsa ijoolleesheetiin jabaattee dhaabbateetti, heddumminni qormaataa tokkummaa ijoolleeshee jabeessee malee hin diignee jedhaniiru.

Diyaaspooraan Itoophiyaanoonni biyyoota addunyaa garagaraa keessaa jiraataan biyyi keenyaa yerootti namaa barabadeettii biyya isaaniif ijoollee yeroo murteessoo ta’uun mirkaaneessaniiru jennee ija jabunaan haasa’uu ni dandeenya jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015