''Bakkeewwan garee shororkeessaa ABUT irraa bilisa bahanitti hojiin Yakkamtoota seeratti dhiyeessuu ni hojjetama''

46

Finfinnee, Muddee 16/2014 (TOI)- Bakkeewwan garee shororkeessaa ABUT irraa bilisa bahanitti hojiin Yakkamtoota seeratti dhiyeessuu kan hojjetamu ta'u Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Bakkeewwan kanneenitti hojii deebisanii ijaaruu fi tajaajilaa jalqabsiisuun cinaatti kanneen yakkaan gaafatamuu qaban seeratti dhiheessuun hojjetamuu jalqabuus himameera.

Ministir Deetaan tajaajila Kominikeeshinii mootummaa Salaamaawit Kaasaan ibsa har'a kennaaniin akka jedhanitti Miidhaa yakka mirga namoomaa fi miidhaa qabeenyarra ga’e gareen qoratu gara naannolee Amaaraa fi Afaaritti ergamuu kaasaniiru.

Gareen bobba’e kunis yakkoota kana hunda kan qoratu ta’uu kaasaniiru.

Gareen qorannoo yakkaafi yakkaamtoota seeraatti dhiheessuu kun karaa ministeera Haqaa gurmaa'ee hojiitti galuu himaniiru.

Qoranoonn kunis yakkoota baatii Waxabajii irraa eegalee naannoo Affaari fi Amahaaraatti raawwatan adda baasuf xiyyeeffannoon kan hojjetamudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015