Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa waamicha deeggarsaa taasise. - ENA Afaan Oromoo
Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa waamicha deeggarsaa taasise.
Mudde, 13/2014(TOI) - Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa, lammiilee sababa waraanaatiin qe’eefi qabeenyasaanirraa buqqa’anii turan, qe’ee duwwaatti akka hin hafne hunduu gargaarsa gochuu akka qabu waamicha dhiyeesse.
Manni maricha ibsa miidiyaaleef kenneen, namoota buqqa’anii erga injifannoon argame booda gara qe’eesaaniitti deebi’aa jiraniif gargaarsi akka barbaachisuu ibsuun, namni hunduu tumsuu akka qabu waamichaa taasiseera.
Pirezidaantiin Mana Marichaa Hajii Muftii Umar Idriis, waraana Kaabaatti mudateen miidhaan manneen amantiirra gahuu kan ibsan, koreen hundaa’ee miidhaa gahe addaan baasee gargaarsa tolchuuf socho’aa jiraa jedhan.
Namoota gara qe’eetti deebi’aa jiran gargaaruuf lakkoofsi Baankii banamu kan ibsan Muftii Hajii Umar, abbootiin amantii rakkinnichi waaraan akka furamuuf hojjachuu qabu jedhaniru.