Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa badhaasa Daandii Xiyyaaraa filatamaa Afrikaa 2021 injifate. - ENA Afaan Oromoo
Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa badhaasa Daandii Xiyyaaraa filatamaa Afrikaa 2021 injifate.
Mudde 12/2014(TOI) - Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa badhaasa Daandii Xiyyaara filatamaa Afrikaa 2021 irra deebiin injifateera.
Daandiin qilleensa Itoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti beekamtii olaanaa kan qabu baadhaasa Sikaaytiiraksii jedhamu walitti aansuu waggoota Afuriif injifateera.
Daandiin qilleensichaa tajaajila isaa qulqullinaan dhiyeessuu kan itti fufuu ta’uu beeksiseera.
Daandii Xiyyaara Itoophiyaatti aanee daandiiwwan Xiyyaara Afrikaa Kibbaa fi Keeniyaa sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa qabataniiru.
Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa Daandii filatama Afrikaa ta’uun dabalataan sadarka idil adduunyatti sadarkaa 44ffaa irraa ture fooyyeessuun sadarkaa 37 ffaaa qabateera.
Daandii Xiyyaara Itiyoophiyaa oddeeffanne.