Lammilee garee shororkeessaa ABUT'n miidhaman haga deebi'anii damdamatanitti deeggarsa ni taasifna.

54

Mudde, 11/2014(TOI) - Lammilee garee shororkeessaa ABUT'n qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqa'uun miidhaman haga jiruu idilee isaanii duratti deebi'anitti deeggarsa barbaachisu akka taasisaniif dubnartoonni magaalaa Awaasaa beeksisan.

Dhiitta mirga namoomaa gareen shororkeessaa ABUT Dubartoota fi daa'immaan irraan gahaa jiru akkasuma jiddu seentummaa miidiyaleen biyyoota lixaa tokko tokko taasisaa jiran balaaleffachuuf hiriira taasifamerratti dubartoonni argaman akka TOI tti himanitti lammilee qe'eefi qabeenya isaanirra buqqa'uuni jiran haga isaan deebi'anii jiruu idilee isaanii duratti deebi'anitti deeggarsa barbaachisu taasisuuf qophii ta'uu himaniiru.

Dubartoonni kunneen akka himanitti gochaa garichii naannoo Affarii fi Amaaraatti lammilee irratti keessaayyuu dubartootafi daa'imman irratti raawwate gochaa sukkanneessadha jedhaniiru.

Lammilee qe'ee fi qabeenya isaanirra sababaa waraanaan buqqa'aniifi miidhaan irra gaheef midhaan nyaataa, Kafanaafi waan keessa jiraatanifi jireenyaaf waantota bu'uura barbaachisan guutamuufi qabus jedhaniiru.

Daa'imman barnoota isaanirraa adda citanis tajaajila barnootaa argachuu akka qabaniis dhaamaniiru.

Lammilee rakkoon mudate kanaaf haga ammatti karaa jarmiyaalee adda addaa gargaarsa taasisaa turuu kan himan dubartoonni kunneen ammas gara fuula durattis haga isaan deebi'anii jiru idilee isaanii egalanitti deeggarsa barbaachisuun cinaa akka dhaabbatan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015