Miidhaan dubartootaafi daa'imman irra ga'u haa dhaabbatu

66

Mudde,10/2014(TOI) - "Har'a dubartoonni magaalaa keenyaa hundi Addabaabayii Masqalaatti argamuun "Miidhaan Dubartootaafi Daa'imman irra ga'u haa dhaabbatu!" jechuun hiriira ummataa gaggeessaniiru.

Dubartoonni magaalaa keenyaa gochoota gara jabeenyaa gareen shororkeessaafi weeraraa lammiilee keenya qulqulluu naannoolee Amaaraafi Afaaritti raawwate kan balaaleffatan yoo ta'u, adda waraanaa garagaraatti garee shororkeessaa kana barbadeessuuf injifannoowwan galmaa'aa jiran jaalala biyyaa guddaan kabajaniiru.

Hiriira kana irrattis jaalalaafi kabaja guddaa gooticha raayyaa ittisa biyyaa fi ajajaa waraana waliigalaa Doktar Abiyyi Ahmadiif qaban kan itti ibsan ture.

Dabalataanis biyyoonni lixaa tokko tokkoofi miidiyaaleen isaanii garee shororkeessaan kan raawwatamaa jiran gochoota dhiitinsa mirga dhala namaa osoo arganii akka hin arginetti darbuu isaanii balaaleffataniiru.

Gareen saalfachiisaa kun hanga dhumaatti hanga barbaadaa'utti deeggarsa aantummaa isaanii cimsanii kan ittifufan ta'uu beeksisaniiru.

Sangataa kana kan qindeesse ministeera dhimma dubartootaaf daa'immanii nan galateeffadha.

Miidhaan dubartootaafi daa'imman irra ga'u haa dhaabbatu!

Uumaan Itoophiyaafi ummata ishee baay'isee haa eebbisu!"

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015