Humni waloo nageenyaa Itoophiyaa magaaloota GiraanaafiMarsaa to'ate. - ENA Afaan Oromoo
Humni waloo nageenyaa Itoophiyaa magaaloota GiraanaafiMarsaa to'ate.

Finfinnee, Muddee 8, 2014 (TOIT) - Humni waloo nageenyaa Itoophiyaa Marsaa fi Giraanaa to'achuun gara fuulduraatti imalaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa beeksiise.
Humni waloo kun adda waraanaa Qoobboon gaarreen olaanoo kallatti Kaaba Raayyaan jiru to'ateera.
Kallattii Kibba Zoobiliin ammoo naannawaa Gurraa Warqee to'atee ture amma gaarreen walqabatoo naannawwaa kanaa guutumaa guutuutti to'achuun, Daandii Waldiyaa - Maqalee muree ture babal'isuun gara Waldiyaatti imalaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.
Humni Waloo Nageenyaa Itoophiyaa Adda waraanaa Waacaaleen aanaa Waacaalee guutumaan guutuutti to'achuun magaaloota Urgeessaa, Liibsoo,Giraanaa, Marsaa, Kiillee fi Kaaba wallootti gaarreen walitti hidhataa olaanoo Aanaa Harbuu harka isaa galfachuu ibseera
Humni waloo Itoophiyaa humna qilleensaa Itoophiyaan deeggaramuun Wucaalee fi Marsaa jidduutti kan walitti qabamee ture humnoota diinaa barbadeessaniiru.
Hawaasni naannoo diina bittimee baqachaa jiru humnoota waloo Itoophiyaa deeggaranii barbadeessuun gootummaa jabaa hojjechaa jiru.
- Naannoo kee eegi!
- Gara adda waraanaatti duuli!
- Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!