''Diyaaspooraan gara biyyaa dhufuun dinagdee biyyaa bayyanachiisuuf bu'aa jabaa qaba''.

Mudde 09/2014(TOI) - ''Diyaaspooraan gara biyyaa dhufuun dinagdee biyyaa bayyanachiisuuf bu'aa jabaa qaba''.

Waamicha Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad dabarsan hordofee lammiileen Itoophiyaa gara biyyaa dhufuuf qophiirra jiru.

Haaluma kanaan lammiileen Itoophiyaa Ameerikaa jiraatan gara biyyaa akka dhufaniif koree hundaa'ee hojjetamaa jira.

Diyaaspooraan gara biyyaa dhufuun odeeffannoo dogongoraa "Itoophiyaa keessa nagaan hin jiru" jedhu saaxiluu cinaatti digadee biyyaa qabatamaan deeggaruufii jedhan, Qindeessitoota Imaltota gara biyyaatti Ameerikaa naannawa Daalaasiifi Teeksaa irraa imaalani.

Qindeessaan Koree kana Obbo Malaakuu Daamxoo diyaaspooraan kunniin gara biyyaa wayita dhufan dawwannaaf qofa osoo hin taane lammiileen Itiyoophiyaa dinagdee irraa fayyadamoo akka ta’aan karoora qabatanii kan dhufan ta’uu eeraniiru.

Keessattu Doolaaraa diyaaspooraan fide dhufu karaa seera qabeessaan qofa akka sharafamuuf hojjetama jira jedhan.

Sosochiin imala gar biyyaa Ameerikaa Daalaasitti jalqabamee haala walfakkatun magaaloota Ameerikaa saglan keessatti koreen hundaa'ee hojjetama jiraachuun himan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015