Dhaabbilee Fayyaa manca'an deebisanii dhaabuuf waamichi dhihaate.

Mudde, 06/2014(TOI) - Dhaabbilee Fayyaa gareen shororkeessaa ABUT mancaase deebisanii dhaabuufi hojii jalqabsiisuuf ministeerri fayyaa deeggarsa barbaachisa akka taasifamuuf waamicha dhiheesse.

Gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan weeraraan qabatee turetti yakkaa sarbama mirga namoomaa fi haamleen alatti qabeenya adda addaa kan uummanni irraa tajaajila argatu mancaaseera.

Gareen dhaabilee fayyaa Uummanni tajaajila irraa argatufi kuusaa meeshalee yaala fayyaaf oolanii akkasuma kanneen biroos kaan saamee kaan immoo mancaasuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Mancaatii kanaanis lammileen gargaarsa barbaadaanfi tajaajilli kennisa dhibee tasaa kan barbaadan rakkoo chimaaf akka saaxilama ta'eera jedheera.Bakkeewwan garichi weeraraan qabatee turetti dhaabbilee fayyaa argaman keessa haga ammaatti 2700 tajaajila kennaa hin jiran.

Bakkeewwan haga ammaatti mootummaan bira hin geenye yeroo dabalatu dhaabbileen Fayyaa garichaan manca'aan lakkoofsan kan kana caalaan ta'uu minsisteerichii beeksiseera.

Sababaa mancaatii kanaan hawaasni naannicha jiraatu baakka hedduutti tajaajila yaala fayyaa argachaa akka hin jirrees ministeerichi eerera.

Rakkoon bakkeewwan garichaan weeraramee irratti uumameen Dhaabbilee fayyaa ollaa rakkichi itti umamee jiran irratti dhiibbaan akka baay'atu taasiseera.

Naannoo kanatti haasni tajaajila argachuuf baay'inaan gara kana waan dhufuuf tajaajila idileen kennaani alaa akka hojjetaan taasisee dhiibbaa cimaa irratti uumaa jiraachuu ministeerichi beekisiseera.

Bakkeewwan dhaabbileen fayyaa itti manca'an kanneeniitti haawsni tajaajila yaala fayyaa barbaadu deebisee akka argatuuf dhaabbileen manca'an akka ijaaramaniif Itoophiyaanoonni, dhalatoonni Itoophiyaa fi micuwwaan Itoophiyaa gargaarsa hatatamaa barbaachisaa akka taasisaan Ministeerri Fayyaa waamicha taasiseera.

Rakkoo kana furuuf Ministeerri fayyaa karoora baasuun hojjechaa jira. Dhaabbilee fayyaa saamamanii fi kan mancaan kana deebisanii hojii jalqabsiisuuf dhaabilee mootummaa fi miti mootummaa sadarkaa biyyaatti jiran waliin hojjechaa jiraachus beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015