"Ameerikaan mootummaa Itoophiyaa seeraan hundaa’e deeggaruu qabdi"

55

Mudde, 04/2014(TOI) - Miseensi Kineseet Israa’eliifi Hogganaa Ittaanaan Mana Maree Nageenya Duraanii Gaadii Ivaarkaan xalayaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaaf barreessaniin, Itoophiyaan filannoo hirmaannaa cimaan itti taasifameefi addunyaan mirkaneesseef taasistee Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin karaa seeraa waan muuddatteef deeggaramuu akka qabdu hubachiisan.

Xalayaa kana keessatti mootummaa seeraan hundaa’e kana deeggaruufi dimokiraasii itti fufsiisuun, dhimmoota ijoorratti xiyyeeffachuufi waliin ta’uun barbaachisaadha jedhanii, isaanis ilaalchaafi waliigaltee akkanaa waliin hojjechuuf qophii ta’uusaanii beeksisaniiru.

Gareen Itoophiyaa Kaabaarraa ka’e waraana banuun ajjeechaafi gocha badii ummattoota Amaaraafi Affaarirratti geessisaa jiru yaachisaa ta’uu Gaadii Ivaarkaan xalayaasaanii keessatti hubachiisaniiru.

Itoophiyaan michuu cimtuu Ameerikaafi Israa’eel ta’uushee himanii, waraanni kun akka dhaabbatuuf Ameerikaan ergaa ifa ta’e garichaaf dabarsuufi dhiibbaa uumuu qabdi jedhaniiru.

Ameerikaan sagalee Itoophiyaa dhagahuufi cinaashee dhaabbachuu qabdi jechuun Miseensi Kineseet Israa’eliifi Hogganaan Ittaanaa Mana Maree Nageenya Duraanii Gaadii Ivaarkaan hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015