Gareen shororkeessaa ABUT dameewwaan Baankii daldala Itoophiyaa 238 irratti saamichaa fi mancaatii raawwateera

80

Mudde, 04/2014(TOI) - Gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan weeraran qabatee turetti dameewwaan Baankii daldala Itoophiyaa 238 irratti saamichaa fi mancaatii raawwachuu baankichi beeksise.

Pireezidaantiin Baankii daldala Itoophiyaa obbo Abbee Saanoo TOI tti akka himaniitti, gareen shorkeessaa ABUT bakkeewwan weeraraan qabatee turetti yakka hojjetoota baankichaa ajjeesuu fi qabeenyaa baankichaa kaan saamuun kaan immoo mancaaseera.

Garichii kaaba Itoophiyaatti distiriktoota 6 jalatti kan argamu damee baankichaa 238 irratti yakka saamichaa fi mancaatii qabeenyaa raawwateera jedhaniiru.

Bakkeewwan garicha irraa bilisa bahannitti dameewwan baankichaarra miidhaan guddaan gahuu kan mirkaneeffatan yoo ta'u, Maqaleetti 61 fi Shireetti 59 kan argaman dameewwan baankichaa haala maaliirra akka jiran hin beekamu jedhaniiru.

Bakkeewwan garicha irraa bilisa bahanitti dameewwan baankicharra miidhaa gahe qorachuun deebisanii hojii jalqabisiisuuf garee qoratu garasitti bobbasuus obbo Abbeen himaniiru.

Dameewwan Baankoota kanatti sanadootaa fi qabeenyan biroo kan mancaa'e ta'us, odeeffannoon maamiloota baankicha garuu guutummaan guutuutti jiduugala waan jiruf, maamiltoonni baankicha odeeffannoon baankicha qabu najalaa bada jedhanii waa tokko yaada'uu akka hin qabne obbo Abbee Saanoo himaniiru.

Bakkeewwan garee shororkeessaa ABUT irra balisa bahanitti haga ammaatti dameewwan baankichaa 12 irra deebiin hojii kan jalqaban yoo ta'u, yeroo dhihootti immoo 30 hojii jalqabiisuuf qophiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

  • Naannoo kee eegi!
  • Gara adda Waraanaatti duuli!
  • Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015