Lammiileen Itoophiyaa Giriik jiraatan hiriira '#NoMore' geggeessan.

82

Mudde, 04/2014(TOI) - Lammiileen Itoophiyaa Giriik Ispeen jiraatan deeggarsa mootummaa Itoophiyaaf qaban hiriira bahuun mul'isan.

Hiriirri '#NoMore' kun Giriiki magaalaa Ateensi Ateensi iskuweer jidduugala godhachuun kan jalqabe yoo ta'uu Paarlamaa GiriikFI imbaasii Ameerikaa magaalichatti argamu duratti geggeeffameera.

Hiriira kana irratti Ameerikaa dabalatee giddu seentummaa biyyoota Lixaa tokko tokko taasisaanifi holola miidiyaalee isaanii mormuun, hawaasni Idil-addunyaa sagalee Itoophiyaa akka kabaju gaafachuu miseensii koree qindeesituu hirichaa keessa tokko kan ta'an doktar Zawuduu Mulugeetaa TOI himaniiru.

Itoophiyannoonni waa'ee birmadummaa biyya isaanii irratti eenyuu waliin iyyuu araarama hin qabanis jedhaniiru jedhameera.Hiriirtoonni kunneen gocha gara jabiinaa gareen shororkeessaa ABUT geessisees balaaleffataniiru.

Hawaasni Itoophiyaa Giriik jiraatu hojiiwwan misoomaa Itoophiyaatti hojjetamu gargaaru akka hojjetanis hiririchaa irratti himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015