ABUT yeroo aangoorra turetti Anyuwaak 424 jumlaan ajjeseera.

59

Mudde, 4/2014(TOI)- ABUT bara abbaa irrummaan biyya bulchaa turettii uummata Anyuwaak 424 haala sukkanneessa ta'een ajjeesuu dhalataa Itoophiyaa kan ta'eefii yeroo ammaa Ameerikaatti miseensa mana maree magaalaa Ostiin kan ta'e Obolaa Obolaan hime.

Yakkaa ABUT yeroo biyya bulchaa turetti raawwachaa ture keessaa tokko naannoo Gambeellaatti ajjeechaa jumlaa Uummata Anyuwaak irratti raawwatedha.

Miseensa mana maree magaalaa Ostiin kan ta'e Obolaa Obolaa yeroo yakki kun raawwatutti midiyalee idil addunyaaf ibsaa kan ture yoo ta'u, innis yakka ajjechaa haalaa kanaan raawwatamu sodachuun biyya bahuuf akka dirqame beeksiseera.

Yakki duguggaa sanyii balleessuu bara 1995 Gambeellatti raawwate miseensota uummata Anyuwaak biroo waliin ta'ee karaa Sudaan kibbaa akkan bahee baqadhu na dirqisiiseera jedheera.

Yeroo sanatti yakka mootummaan ABUT tiin durfamu duguggaa sanyii balleessuu raawwateen Anyuwaan 424 kan ajjeefaman yoo ta'u qe'een isaanii bakka hedduutti akka barbadaa'u taa'eera jedheera.

Obolaa obolaan akka himetti osoo Ameerikaa hin dhaqiin dura dahoo baqatoota keessa waggaa 10 turu kan hime yoo ta'u, bakka kanatti jireenya baay'ee ulfaataa dabarsera.

Obolaan kanaan dura Pireezidantii Ameerikaa Joo Baaden waliin wal arguun yakkawwan gareen ABUT Uummata irraan gahaa ture ibsuufin ni yaadatama.

Yeroo kana yakka ABUT naannoo Gambeellatti raawwate jalaa hafee bahuu ibseefira.

Gareen ABUT yeroo aangorra turetti Anyuwaak dabalatee saboota Itoophiyaarratti yakkawwan dhiitta mirga namoomaa hedduu raawwachuu Joo Baaden hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015