Duulli tokkummaa Sabdaneessaa Ministira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimadiin durfamu daandii guddaa Waldiyaa Maqalee to'annoosaa jala oolichuu ibsame

64

Finfinnee, Muddee 2/2014 (TOI) - Duulli tokkummaa Sabdaneessaa Ministira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimadiin durfamu daandii guddaa Waldiyaa Maqalee to'annoosaa jala oolichuu ibsame.

Kanaanis diinnii karaa bahaafi galaa dhabee bittimaa jiraachuu himameera.

Kallatti adda waraanaa kanaan Dirree Roqaa fi Soddomaatti magaalootaa fi gaareen tarsimoo lolaaf mijatoo ta'an hedduu to'achuun waraanni qindaa'aa Itoophiyaa gara Magaalaa Haraati imaalaa jira.

Karaa adda waraanaa Wucaalees gaarreen wal qabatoo Ambaaa dabalatee Roobitii fi Golboo aanaa warra Baabboo Miillee Kootichaa aanaa Harbuu Koolboo Markaataafi Faajjii to'achuun gara magaalaa Marsaatti imaalaa jira.

Addda waraanaa kana irraatti haleellaa taasifameen humni diinaa hedduun ajjeefamee kaan immoo madaa'ee kaan booji'ameera.

Magaalaan Arjoo, Fookiisaa fi Booraanaan harkaa diinaa jalaa bilisoomtan

Humnoonni nageenyaa Itoophiyaa adda waraanaa adda addaan bakkeewwan tarsimoo lolaaf mojatoo ta'an hedduu to'achuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015