Murtoowwan Ardii Afrikaa ilaallatan bakka bu’iinsa tokko malee deebii argachuu hin qaban - Ministira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad

67

Finfinnee, Sadaasa 29/2014 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad duula biyyoonni Afrikaa Mana Maree Nageenyaa keessatti bakka bu’iinsa dhaabbii akka argatan gaggeeffamutti makamuu himaniiru.

Ummanni Afrikaa biiliyoona 1.3 ta’an Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti keessatti sagalee fi bakka bu’iinsa dhaabbii akka argatan taasiisuuf duula hoggantoota Afrikaa biroo waliin gaggeeffamutti makamuu ibsaniiru.

Dhimmoonni fi murtoowwan Ardii Afrikaa ilaallatan bakka bu’iinsa tokko malee deebii argachuu hin qaban jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad karaa miidiyaa hawaasumaa isaani.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015