Guyyaa Saboota, Sablamootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa wayita kabajamu balaa birmadummaa biyyaa irratti aggaamame gamtaan ofirraa qolachuuf guyyaa waadaa itti gallu jedhame. - ENA Afaan Oromoo
Guyyaa Saboota, Sablamootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa wayita kabajamu balaa birmadummaa biyyaa irratti aggaamame gamtaan ofirraa qolachuuf guyyaa waadaa itti gallu jedhame.

Sadaasa 28/2014(TOI) - Guyyaan Saboota, Sablamootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa marsaa 16ffaan tokkummaa sabdaneessummaa keenya caalaatti cimsuun balaa birmadummaa biyyaa irratti aggaamame gamtaan ofirraa qolachuuf guyyaa waadaa itti seennu tahu qaba jedha Manni Maree Federeeshinii.
Manni marichaa guyyaa kana ilaalichuun gammachuu baga ittiin geessanii dabarseen, ayyaanichi kabajamuun moo’achuun Itiyoophiyaa kan itti mirkanaa’uufi adeemsi badhaadhinaa akka itti saffisu ta’uu qaba jedheera.
Yeroo jijjirramni eegale irraa kaasee mootummaan qormaatilee hedduu keessa jiraatus, filannoo dimokraatawaa ta’e milkaa’inaan gaggeessu himeera.
Gama biraatiin immoo gaaffilee bara dheeraa sabootaa, sablamootaafi ummattootaa deebisuuf tattaaffiin gochuusaa himeera; Naannoo Sidaamaa fi Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa akka fakkeenyaatti eeruun.
Yeroo itti aanuttiis weerara birmadummaa Itiyoophiyaa irratti baname, yeroo gabaabaa keessatti xumuruufi gidduseentummaa alaa ofiirra qolachuun pirojeektoota gurguddoo ijaarsi isaanii eeagalaman xumursiisuun biyya keenya gara badhaadhinaatti ceesisuuf hundinuu gahee irraa eegamu bahuu akka qabus waamicha dhiyeesseera.