Ijaarsa Gabaa Oomisha Buna Itiyoophiyaa Damee Mattuutiif dhagaan bu’uraa kaa’ame - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsa Gabaa Oomisha Buna Itiyoophiyaa Damee Mattuutiif dhagaan bu’uraa kaa’ame
Mattuu Bitootessa 26/2011 Gabaan oomisha Itiyoophiyaa iddoo sassaabbii fi kuusaa oomisha bunaa magaalaa Mattuutti ijaarsisuuf dhagaan bu’uraa muummichi ministira doktar Abiyyi Ahimad iddoo argamanitti pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaatiin har’a kaa’ame.
Kuusaan lafa kareemeetira kuma 3 fi 200 irratti ijaaramu kanaaf qarshiin miilliyoonni 60 qabamee jira.
Damee Mattuutti banamuf dhagaan bu’ura har’a kaa’ame kun gaaffii ummataa bara dheeraa kan deebisedha jedhameera.
Iddoon Saassaabbii oomishaa fi kuusaa kuunis Oomisha Buna Itiyoophiyaaf dammee isaa 23 dha.
Gabaan Oomishaa Itiyoophiyaa bara 2000 hundaayee.