Afrikaa Kibbaatti lammilee gara biyya dhufan galmeessuuf hojiin eegalamuufi.

56

Sadaasa 28/2014(TOI) - Waamicha lammiileen miiliyoona 1 gara biyyaa akka galan taasifame hordoofuun lammiileen Afrikaa Kibbaa irraa Itiyoophiyaa dhufan galmeessuuf qophiin xumuramuusaa Afrikaa Kibbaatti Waldaan Hawaasa Itiyoophiyaanota Gamtoomee beeksiseera.

Lammiileen Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiraatan waamicha Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahmad, Ji’a Muddee keessaa gara biyyaa isaanii galan dhiyyeessan hordofee gara biyyaa akka imalaniif waldichi qindeessaa akka jiru himeera.

Lammiileen Itoophiyaafi Michuwwaan Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa irraa Itoophiyaa galuu bardaadaniif odeeffannoo barbaachisaa kennuufi ijaarsa waldichaa kutaalee bulchiinsa Afrikaa Kibbaa hunda keessatti argaman waliin ta’uun galmeen akka eegalamus waldichi himeera.

Waldichi imala gara biyyaatti taasifamuun walqabatee ibsa dabalataa akka kennus himeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015