‘’Finfinneen jaalalaa fi isin yaaduun isin eegaa jirti’’ –Kantiibaa Adaanech - ENA Afaan Oromoo
‘’Finfinneen jaalalaa fi isin yaaduun isin eegaa jirti’’ –Kantiibaa Adaanech

Sadaasa 27/2014(TOI) Kantiibaan bulchaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee hawaasa diyaaspooraaf’’Finfinneen jaalalaa fi isiin yaaduun isin eegaa jirti’’ jechuun ergaa dabarsaniiru.
Aadde adaanech ‘’ humnoota dhiyoo fi fagoon duula birmadumaa nu mudateen tokkummaan qolachuu fi mo’achuun, injiifannoon addabaabayii Itoophiyaarra akka dhaabbannu amanuun bakka jirtanitti sagalaee keessan olkaasuun dhugaa Itiyoophiyaan qabdu addunyaa guutuuf dhageessisaa kan jirtan ijoollee Itiyoophiyaa guyyaa gaafa rakkooti’’ jedhan.
‘’Ministira muummee doktar Abiyi Ahmadiin ayyaana qillee fuuldura keenyaa kana bakka jirtanii walitti qabamtanii biyya keessan Itiyoophiyaatti akka kabajjan waamicha dhiyeessaniin naannoftanii kan itti galtan magaalaa hunda keessanii kan taate Finfinneen akkuma maqaashee ilillii fakkaattee qilleensa nageenyaa harkanuun jaalalaanii fi isin yaaduun ijoolleeko baga nagaan dhuftan jettee isin simachuuf qophii xumuruun isin eegaa jirti jechuun ibsaniiru.