Baratoota magaalaa Finfinnee oomisha maatii duultotaa walitti qabaniif gegeessan taasifame.

59

Sadaasa,27/2014 (TOI) - Baratoota magaalaa Finfinnee manneen barnoota adda addaarraa walitti dhufan kanneen oomisha maatii duultotaa walitti qabaniif gegeessan taasifame.

Sirni gegeessaa kun Istaadeemii Abbabaa Biqilaatti geggeeffamaa kan jiru yoo ta'uu Baratoonni sirnicharratti argamaniis dhiibba biyyoonni lixaa Itoophiyaarraan gahaa jiran dhaadannoo mormu dhageesisaa jiru.

Ministeerri Barnootaa manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa Sadaasa 27 hangaa Muddee 3/2014 akka cufamaniifi baratoonni, Barsiisonnii fi Hojjetoonni manneen barnoota biroon akkaata haala qabatamaa naaannoo jiraataniin maatii dultootaf deeggarsa barbaachisa akka godhan murteessuun isaa ni yaadatama.

- Naannnoo kee eegi!

- Gara adda waraanaatti duuli!

- Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015