Ambaasaaddar Mallas Keeniyaanonni duula giddugaltummaa Itiyoophiyaarratti baname akka balaleeffatan waamicha dhiyeessan

33

Sadaasa 26/2014(TOI) - Ambaasaaddar Mallas Alam Keeniyaanonni duula giddugaltummaa dhimma Itiyoophiyaarratti baname akka balaleeffatan waamicha dhiyeessan.

Keeniyaatti ambaasaaddar Itoophiyaa Mallas Aleem Naayiroobiitti kan argamu giddugala aadaa 'bomas of keeniyaatti' haawaasni Keeniyaa fi Booranaa sagantaa aadaa irratti qopheessanirratti argamuun keessummummaan hirmaataniiru.

Ambaasaaddar Mallas feestivaala aadaa kanarratti dubbii taasisaniin Itiyoophiyaa fi Keeniyaa gidduu waggoottan 57f walittidhufeenya cimaa qabu.

Uummatoota biyyoota lamaan gidduu walitti dhufeenyi jiru keessumaa damee walitti dhufeenya aadaan walitti hidhinsi jiru akka cimuuf xiyyeeffannoon addaa kennamuun ni hojjetama jedhaniiru.

Dhalattoonni Keeniyaa fi Booranaa waqtii qorumsaa kanatti Itiyoophiyaa cina dhaabbachuun deeggarsa obblummaa argisiisaniif galateeffataniiru.

Obboloota keenya kan ta’an keenyaniyaanonni duula giddugaltummaa Itiyoophiyaarratti baname akka balaleeffatan waamicha dhiyeessaniiru.

Qabsoon Itiyoophiyaa qabsoo Afriikaa ta’uu kan ibsan ambaasaaddar Mallas, Itiyoophiyaan qormaata ishee mudate ofiin furuuf dandeettii guutuu fi kutannoo akka qabdu hirmaattota sagantiichaaf mirkaneessuu isaanii odeeffannoon waajjira dubbi himaa alaarraa argame mul’iseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015