Hojjattoonni dubartoota Yuunivarsiitii Madda Walaabuu gooticha Raayyaa ittisa biyyaatiif Galaa qopheessuun aantummaa qaban mul’isaa jiru.

69

Sadaasa, 22/2014(TOI) - Hojjattoonni dubartoota Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Gooticha Raayyaa ittisa biyyaatiif Galaa qopheessuun aantummaa qaban mul’isaa jiru.Dubartoonni kunneen hanga Gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa keenna injifannoon galutti deeggarsa nurraa barbaachisu kamuu ni taasifna jedhan.

Ministeerri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahmad kallattiin adda waraanaatti imaluun gootummaan injifannoon galmeessaa jiran kaka’umsa nu keessatti hore jira jechuunis dubattanii jiru.

Deeggarsaa fi tumsi nuti taasisaa jirru kun waan guddaa ta'ee osoo hin taane, waan dandeenyuun raayyaa keenna cinaa dhaabbannee hamilee goota keenyatti horuudhaafi jedhan.

Yuunivarsiitichatti Daayirektarri dhimma dubartootaaf koorniyaa aaddee Liidiyaa Tikkuu Raayyaa ittisa biyyaa lubbuu ofii aarsaa gochaa jiru kanaaf galaa qopheessuurraatti argamna jedhan.

Biyyi haadha waan taateef haadha ofii diinaaf dabarsanii laachuun gadhummaadha jedhan.

Kanaaf hundi keenyaayyuu dhimma biyyaa irratti xiiqiidhaan hirmaachuun dirqama hunda keenyaati jedhan.Deeggarsi raayyaa ittisa biyyaatiif gama hundaan taasifamus cimee kan itti fufu tahuus aaddee Liidiyaan himanii jiru.

Qophiin gala dubartoota yuunivarsiitichaatiin taasifamaa jiru keessaa Bassoo, Akaayii fi gosoota nyaata adda addaa dabalatee deeggarsa meeshaalee qulqullina of keessaa kan qabu tahuus eeranii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015