Qaamolee eeyyamameefin alatti odeeffannoo adda waraanaa warri ibsaa jira gochaa isaanirraa of qusachuu qabu jedhame.

68

Sadaasa 20/2014(TOI-Qaamolee Ajajni Labsii Yeroo Ariifachiisaa eeyyameefin alatti odeeffannoo addaa waraanaa dabarsuun dhorkaa akka ta’eefi qaamoleen odeeffaannoo akkasii tamsaasan gochasaaniirraa akka of qusatan Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Salaamaawit Kaasaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, qaamoleen tokko tokko beekanis ta’e otoo hin beekiin qajeelfama ajaja labsichaa cabsuun odeeffannoowwan adda waraanaa dabarsaa turuusaanii himaniiru.

Kanaaf qaamoleen akkasii gochasaaniirraa akka of qusatan dubbataniiru.

Naannaawaa keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015