Ji'a tokko keessaatti yakka bu'uura misoomaa humna ibsaarratti raawwatameen qabeenya birri miiliyoona 1 ol irra miidhaan gaheera.

64

Sadaasa, 20/2014 (TOI) - Ji'a Onkololeessaa keessa qofaa yakka bu'uuraalee misoomaa humna ibsaarratti raawwatameen qabeenyi birrii miiliyoona 1 ol miidhamuu Tajaajilli humna ibsaa Itoophiyaa beeksise.

Yakkii kunis hanna funyoo eleektirikii,hannaa humnaa,Sararaa seeraan alaa diriirsuunfi Lakkooftuu humnaa seeraan alaa tolchachuun akkasuma sararaa humana ibsaa baaburaaf diriirfamee hatuun birrii miiliyoona 1 fi kuma 437 fi 967 miidhamuu himeera.

Rakkoon kun hojii dhaabbatichi qooddii humana ibsaa hundaan gahuuf hojjechaa jiru irrattis gufuu ta'aa akka jiru Tajaajilli humna Ibsaa Itoophiyaa beeksiseera.

Rakkoon kun akka furamuuf haawasni hojiin seeraan alaa hojjetamuu kun akka to'atamuuf gaheesaa bahuufi bu'uuraalee misoomaa Humna ibsaaf eegumsa gochuu qaba jedhaniiru.

Bara bajataa 2014 qofa bu'uuralee misoomaa humana ibsaarra akkasuma hanna humanaan qabeenya birriin miiliyoona 6.7 ol ta'urra miidhaan qaqqabuu Tajaajilli humna Ibsaa Itoophiyaa beeksiseera.

Naannoo kee eegi!

Gara adda waraanaatti duuli!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015