Haati tokko mana jireenyaa isaanii gurguranii Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasisan

69

Sadaasa 17/2014(TOI) - Magaalaa Finfinneetti haati tokko mana jireenyaa isaanii birrii miiliyoona 2 gurguruun raayyaa ittisaaf arjooman.

Magaalaa Finfinnee kan jiraatan aadde Boggaalech Kabbadaa mana jireenyaa isaanii gurguruun birrii miiliyoona lama raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa taasisan.

Biyyi yoo hin jiraanne hunduu kan hin danda’amne waan ta’eef mana keessa jiraachuuf dursa biyya kabajaan jiraachisuu dha jechuun mana isaanii gurguranii adda waraanaatti birmadummaa Itiyoophiyaaf falmataa kan jiru raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa taasisaniiru.

Birmadummaa biyyaa eegsisuuf duula taasifamaa jiruun uummani daangaa hanga daangaatti socho’ee duuluunii fi deeggaruun ga’ee olaanaa ba’aa jira jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015