Itoophiyaan qormaata lafarra kamiyyuu injifannoon ni dabarti- Adaanech Abeebee

131

Sadaasa, 16/2014 (TOI) - Itoophiyaan qormaata lafarra itti dhufe kamiyyuu injifannoon bira ni dabarti jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee.

Adde Adaanech kan kan dubatan waltajji marii dhaabbileen amantaa dhimma Itoophiyaa haala yeroo irratti wayita haasaa taasisanidha.Lolli kallatti adda addaan yeroo ammaa nurratti taasifamaa jiru garaagarumma siyaasaa irraa kan madde miti.

Lolli kun Itoophiyaa diiguuf,akka biyyaattis tasgaboofnee akka hin jiraanneef rakkoo nurratti aggamameedha jedhaniiru.

Duula birmadummaa biyyaa sarbuuf gareen shororkeessaa ABUT fi deeggartoonni isaa nurratti bana qolachuuf gaheen dhaabbilee amantaa guddaadhas jedhaniiru Aadde Adaanech Abeebee.

Garichi waggoota 27 darban manneen amantaa miseesota isaa ijarrachuun manneen amantaa waan kaayyoo isaanii hin taane akka raawwatan gochuuf yaaleras jedhaniiru.

Bakkeewwan weeraraan qabatettiis manneen amantaa saamaa akkasumas barbadeessaa kan tureefi abbotii amantaa ajjeesaa fi salphisaa yeroo ture argameera.

Abbotiin amataa tokko tokko ergama garee kanaa fudhachuun yeroo isaan waltajjii addunyaa irratti Itoophiyaa fi Itoophiyaanota abaaran dhageenyee itti saalfanneera jedhan adde Adaanech.

Dhaabbileen amataa daba kana xiyyeeffannoon hordofuun gochaa seexanaa gareen shorkeessaa hojjetu kana ifa gochuufi abaaruu qabu jedhaniiru.

Humni lafarra kamiyyuu Itoophiyaa hinjifachuu hin danda'u kan jedhan aadde Adaanech abbootiin amataa hojii idilee isaanii kan ta'ee kadhataan uummata fi biyya keenya yaadadhaa jedhaniiru.

- Naannoo kee eegi!

- Gara adda waraanaatti duuli!

-Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015