Adeemsi Jijjiiramaa Itiyoophiyaanotaa Waggaa Tokkoffaa Galma Miiliniyeemiitti Kabajame

95

Finfinnee Bitootessa  24/2011 Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gara aangootti kan dhufan waggaa tokkoffaan mata duree “Bitootessaa amma Bitootessaatti waa’ee jijjiirama yaadachuu” jedhuun galma Miiliniyeemiitti kabajameera.

Ministirri muummee Dr. Ahimad Bitootessa 24 bara 2010 guyyaa har’aa ture mana mare bakka ummataatti dhihaatanii waadaa galuudhaan ministira muummeee duraanii Hayilamaaram Dassaalenyi harkaa aangoo kan fudhatan.

Guyyoota 365 fi adeemsa jijjiiramaa ilaalchisuun sirna adeemsifamu kanarratti ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi itti aanaa ministira muummee obbo Dammaqaa Mokonnon dabalatee itti gaafatamtoonno mootummaa olaanoo fi keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.

Waltajjii kanarratti hojiiwwan aartii addaddaa kan dhihaatan yoo ta’u, waggaa tokko keessatti milkiiwwan argamanii fi gufuuwwan mudatanis dhihaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015