"Dubratoonni madda furmaataa ta’uun walitti bu’iinsi akka hin umamne taasisurra darbe nageenyaa biyya ijaaru keessatti gahe olaanaa qabu''

71

Sadaasa 09/2014(TOI) -Dubratoonni madda furmaataa ta’uun walitti bu’iinsi akka hin umamne taasisurra darbe nageenyaa biyya ijaaru keessatti gahe olaanaa qabu jedhan pireezedaantiin Itiyoophiyaa Saahilawarq Zawdee.

Pireezdaant Saahilawarq kana kan jedhan fooramii hoggantoota dubratoota Tiraaniiformeeshiinii 3ffaa marii viidiyoo konfiraansii taasifame irrattiidha.

Fooramii kanarrattis pireezedaantii Saahilawarq haasaa taasisaniin, dubratoonni rakkoo nageenyaaf saaxilamoo ta’u qofa osoo hin taane, madda furmaataa ta’uus qabu jedhan.

Akkasumas dubartoonni walitti bu’iinsi osoo hin umamiin dursanii ittisuu, jaarsummaa,waliigaltee karaa nagaa taasisuu keessatti gahe guddaa qabus jedhaniiru.

.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015