Finfinneetti to’annaan sabarratti bu'uureffate geggeessifama kan jiru fakkeessuun odeeffannoon tamsaa’a jiru dhugaa miti. - ENA Afaan Oromoo
Finfinneetti to’annaan sabarratti bu'uureffate geggeessifama kan jiru fakkeessuun odeeffannoon tamsaa’a jiru dhugaa miti.

Sadaasa 08/2014(TOI) - Finfinneetti to’annaan sabarratti bu'uureffate geggeessifama kan jiru fakkeessuun odeeffannoon tamsaa’a jiru dhugaa akka hin taanee Komishiniin Poolisii Finfinnee beeksise.
Komishinii Poolisii Finfinneetti Daarektarri Qunnamtii Uummataa Komandaar Fasikaa Fantaa sakkata’insa eeruu kennameen taasifameen sanadoonni sobaafi meeshaleen waraanaa to’atamu Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himaniru.
Eeruu hawaasni kenneen kayyoo garee shorokeessitoota ABUT fi Shanee galmaan gahuuf namoonni dhunfaa of dhoksuun socho’aa turan Radiyoo Qunnamtiifi bilbila satalaayitii waliin to'annoo jala kan oolaan jiraachuu Komaander Faasikaan himaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT hawaasa burjaajjessuuf tooftaan fayyadamu odeeffannoo sobaa tamsaasu ta’uu himuun, tibbana Magaalaa Finfinneetti to’annoon Saba bu’uura taasifate kan gaggeeffame fakkessuun odeeffannoo sobaa tamsaasa jira jedhan.
Poolisiin ofeeggannoo guutuun namoota kayyoo garee shororkeessitoota raawwachuuf socho’an shakkaman adda baasun to’annoo jala kan oolche ta’uu himuun gama kanaan yakkii maqaa balleessin taasifamu adeemsifamu sirrii miti jedhaniiru.
Hawaasni hojii seeraan alaa gama saaxiluun hirmaanna taasisa jiru gaarii ta’uu himun, fuula duras ciminaan itti fufu akka qaban Komandar Fasikaan waamicha dhiyeesaniiru.