Har’a ganama magaalaa Sulultaatti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 6 darbe

Finfinnee Bitootessa 24/2011 Magaalaa Sulultaatti har’a ganama balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 6 darbe.

Balaa kanaan namoonni 6 yoo du’an, namoota 14 irratti miidhaan ga’uusaa poolisiin magaalaa Sulultaa beeksiseera.

Ajajaan poolisii magaalaa Sulultaa Komaandar Taarikuu Dirbabaa tajaajila oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti, balaan kun kan qaqqabe atobisiin magaalaa Caancoo irraa Finfinnee deemaa osoo jiruu Magaalaa Sulultaa yoo ga’u konkolaataa fe’umsaa Finfinnee irraa Baahirdaar  deemaa jiru waliin walitti bu’uunidha.

Balaa kanaan lubbuun namoota 6 battalatti yoo darbu namoota 4 irratti balaan cimaan ga’eera, namoota 10 irratti balaan salphaan qaqqabuusaa dubbataniiru.

Namoonni balaan cimaan irra ga’e yaalaaf gara hoospitaala Phaawuloositti kan ergaman yoo ta’u, namoonni balaan salphaan irra ga’e Buufata fayyaa Sulultaatti yaala akka argatan taasifamaa akka jiru eeraniiru.

 Balaa kanaan atobisiin magaalaa ummata deddeebisu faayidaa ala ta’uusaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015