Laga Xaafootti ergamaan TPLF to'atame

86

Sadaasa 06/2014(TOI) - Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhitti, ergama badii garee Shoororkeessaa TPLF raawwachuuf kan ture shakkamaa Amaanu’eel Haabtuu jedhamu Birrii Kuma 200fi kuma 74fi Haashisha Kiloogiraamaa walakkaa waliin to’anno jala oluu Waajjirri Poolisi Magaalichaa beeksise.

Ajajaan Waajjira Poolisi magaalichaa Koomaandar Warqinah Baatee,shakkamaan kun kan qabame hoteela keessatti tahu OBNitti addatti himaniru.

Shakkamaa Amaanu’eel Haabtuu jedhamu kun eeruu hawaasaafi qindoomina qaamoolee nageenyaan to’annoo jala kan olee yoo tahu, dabtaroonni baankii garagaraaas harkatti argamuus himan Koomaandar Warqinah.

Gareen Shoororkeessaa TPLFfi ergamtuun isaa ABO Shanee Magaalaa Finfinneetti jeequmsa kaasuuf wixxirfataa jiraatanis ergamni humnoota badiinsaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti fashalaa’aa jiras jedhaniru.

Ergama gareewwan kanneeni qoolachuuf dubartoonni, dargaggoonni, abbootiin qabeenyaa, qonnaan bultoonnifi hojjattoonni mootummaa qaamoolee nageenyaa waliin tahuun sakkatta’insa cimaa daandiiwwaniifi manneeni keessatti taasisaa jiraachuus Komaandar Warqinah OBNitti himaniru.

Poolisiin Magaalichaa Keellaawwan, manneen jireenyaa, hoteeloota akkasumas manneen jireenyaa namoota dhuunfaa shakkamanirratti sakkatta’insa taasiseen, shuguuxii 18, kilaashiinkoovii 4, boombii F1 2, rasaasa Kilaashi 5355, rasaasa shuguxii 140, rasaasa Bireeni 9fi kanneen biro akkasumas uffataalee raayyaa garagaraa to’annoo jala olchuus himaniru.

Kanamalees Koonkolaattoota 2 meeshaalee kanneen seeraan ala fe’an waliinis to’annoo jalaa olchuus himaniru.

Maddi:-OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015