Lammilee sababaa hongeen Godina Booranatti rakkoof saaxilamaniif miidhaan kumtaalli kuma 36 qoodameefira.

58

Sadaasa, 4/2014 (TOI) - Godina Booranatti lammilee sababaa hongeetiin rakkoof saaxilamaniif miidhaan kumtaalli kuma 36 deeggarsaaf qoodamuufii Komishiiniin hoggansa sodaa balaa Oromiyaa beeksise.

Mootummaan godinichatti sababaa hongee mudate kanaan miidhaan namaa fi beelladarra akka hin geenyeef birrii miiliyoona 100 ramadee hojjechaa jira.

Maallaqa kana keessaas haga ammaatti miiliyoonaa Kudhaniin nyaata beelladaa, miiliyoona 20 dhiiheessii bishaan dhugaatiif ooluusaa Itti aanaa Komishineeraa Garmaamuu Hulluuqaa TOI himaniiru.

Komishiinichi maallaqa duraan ramadamee malees birriin miiliyoona 30 dhiheessi bishaaniif, birrii miiliyoona 20 immoo bittaa margaaf akka oolu murteessera.

Hongeen Godina Booranaa Aanaalee 13 keessatti kan muudate ta'uu ibsuun hanga ammaatti lubbuu namaarra miidhan qaqqabe jiraachuu baatus Beelladoonni hedduun du'uu ibsaniiru.

Dabalataan Godina Gujii, Harargee Lixaa, Bahaa, Baalee fi Baalee Bahaattis hongeen kun hanga tokko muudachuu himaniiru. Komishinichi Midhaan nyaataa kuntaala kuma 25 dhiyeessuu fi kan hafe mootummaa hawaasa naannichaan uwwifamuu Komishinara Garramoon ibsaniiru.

Nyaanni beelladoota beeliin kumni dhibbi 1 fi kumni 93 ol raabsamaa jiraachuu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015