Garee shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraatti bakkeewwan weeraraan qabatetti yoo xiqqaate lubbuun siiviilii 184darbeera

91

Sadaasa 4/2014(TOI) - Garee shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraatti bakkeewwan weeraraan qabatetti yoo xiqqaate lubbuun namoota siiviilii 184 darbuu isaa komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa saaxile.

Kominishinichi ji’a Adoolessaa bara 2013A.L.I irraa eegalee naannoo Tigiraayitti waraanni ture gara naannoo Amaaraa tti babal’achuun walqabatee garee shororkeessichaa seeraa fi mirga namoomaa cabsuun badii raawwaate ilaalchisee gabaasa qorannoo gaggeesse har’a ifoomseera.Gabaasa kanaan naannoo Amaaraatti godinaalee Gondar kibbaa fi Walloo kaabaatti bakkeewwan waraanaan miidhaman deeggarsi deebisanii dhaabuu taasifamuufii akka qabu eereera.

Badiin raawwatame yakka waraanaan ta’uusaa haalli ibsu jiraachuu himuun, Waxabajjii 21 hanga hagayya 22/2013A.L.I tti badii gareen shororkeessichaa mirga namoomaarratti geessise gabaasichaan qulqulleeffateera.

Haaluma kanaan naannoo Amaaraa bakkeewwan waraanni gaggeeffametti yoo xiqqaate lubbuun namoota siiviilii 184 darbeera, namoonni baay’een immoo hir’ina qaamaaf saaxilamuu fi miidhaan xiinsamuu irra ga’eera jedha.

Gareen shororkeessichaa naannawaa harka jala oolchate baadiyyaa fi magaalaatti gocha namoota siiviilii ajjeesuu, madeessuu, qabeenyaa saamuu , barbadeessuu, meeshaa waraanaa gurguddaa gara magaalaatti dhukaasuu,manneen jiraattotaa ‘mishigii’ qopheeffachuu raawwachuu isaa komishinichi mirkaneeffateera.

Kanaan namoonni siiviilii baay’een du’uu, qaama hir’uu fi qabeenyi akka barbadaa’u sababa ta’uu isaanii gabaasichi argisiiseera.

Komishinichi dabalataan naannolee Amaaraa fi Affaar itti fufuun qorannoo gaggeessaa jiraachuu isaa ibsuun gochichaan walqabatee odeeffannoon gudeeddiin raawwatamuu isaa ibsu waan jiruuf lammiilee miidhaa kanaaf saaxilamaniif deeggarsi xiinsamuu,hawwaasummaa fi namoomaa dhiyaachuufii dabalatee dhimmi kanarratti qorannoo bal’aan barbaachisaa ta’uu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015