"Hiriirichi gocha badii gareen ABUT kaayyeffate kan fashaleesseedha" Obbo Hayiluu Addunyaa

61

Sadaasa 4/2014(TOI) - Hiriirri tibbanaa naannoo Oromiyaatti gaggeeffame gocha badii gareen ABUT kaayyeffatee ka’e kan fashaleesse ta’uu itti gaafatamaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsaniru.

Wareegama qaalii abbootiin keenya kaffalaniin biyyi keenya hin koloneffatamiin as geesseefi ummanni gurraachi mataa olqabatee akka deemuuf carraa kan uume faajjii bilisummaa jedhan.

Akka obbo Hayiluun ibsanitti uummanni Oromoo hiriira deeggarsaa raayyaa ittisa biyyaaf taasiseen, gareewwan badii ABUT fi Shanee kan balaaleeffatee fi miidiyaaleen alaa gabaasa sobaa gabaasaa jiran kan morme, diinoota alaafi keessaa kan naasise lammiilee keenya immoo kan mataa ol qabachiise dha .

Hiriirri deeggarsaa guutuu biyyattiitti tibbana adeemsifame kun jaalala biyyaa olaanaa lammileen ishee agarsiisanirraa kan madde dha jechuun hubachiisaniiru.Gareen shororkeesaa ABUT biyyattii kana yoon ani bite malee jiraachuu hin qabdu jechuun kan dhaadatu, gochaaniis kan agarsiisaa jiru yoo ta'u, ummanni Itoophiyaa hiriira ba’een gochaa kana raawwachuu akka hin dandeenye mirkaneesseera jedhan.Akka ibsa Obbo Hayiluutti Itoophiyaan biyya dhaadannoowwan adda addaafi dhiibbaawwan garagaraatiin kan bittinooftu miti.

Diinonni Itiyoophiyaa biyya keessaa fi alaa harka isaanii birmadummaa biyyattiirraa akka kaasan hiriirichi akeekuus himaniiru.ABUT qofa osoo hin taane humnoota biyyatti diiguuf lojistikii, deeggarsa meeshaalee garagaraafi midiyaadhaan deeggaruun biyyattii kuffisuuf yaaliin isaan godhan milkaawaafi akka hin jirreefi diinoonni biyyattii dhaabatanii lama akka yaadan kan isaan dirqamsiisu akka ta’es dubbataniiru.

Baroota hedduun dura xin-sammuu ijifannoo Aduwaa fi kanneen biroorraa lammiileen Itoophiyaa gonfataniin har’as humna dhaadachaa jiru kanaan Itiyoophiyaan biyya jigdu akka hin taane diinni hubacuu isaa eeraniiru.

Adeemsa imaammataafi tarsiimoo haarawaa biyyattiin biyyoota lixaarraa deeggarsa argattu hambisuu danda’u jalqabuun ishee biyyoota lixaaf kan hin liqimfamne yoo ta’uu, miidiyaasaanii fayyadamuun olola sobaan biyyoota addunyaa burjaajessuuf tauu obbo Hayiluu addunyaa beeksisuu isanii odeeffannoon biiroo kanarraa argame ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015