Finfinneetti namoonni mana jireenyaa kireessan kamiyyuu odeeffannoo guutuu kireeffataa galmeessisuu qabu

60

Sadaasa 2/2014(TOI) - Magaalaa Finfinneetti namoonni mana jireenyaa kireessan kamiyyuu qajeelcha poolisii fi buufataalee poolisii kutaalee magaalaa 11tti odeeffannoo guutuu kireeffataa qabatanii qaamaan argamuun akka galmeessisan poolisiin magaalaa Finfinnee ergaa isaa dabarseera.

Humni nageenyaa dhimmoota uummataaf sodaa ta’an adda baasuun tarkaanfii barbaachisu fudhataa jira.

Kanaanis bu’aa quubsaan galmaa’aa jira jedheera pooliisiin magaalaa Finfinnee.

Iziin labsii yeroo ariifachiisaa qajeelfamoota garaagaraa hojii nageenyaa deeggaru baasuun isaa ni beekama.

Haaluma kanaan namoonni mana jireenyaa kireessan guyyaa qajeelfamni kun ba’ee eegalee torban tokko keessatti ragaa eenyummaa guutuu kireeffataa ibsu qabachuun qajeelfamoota fi buufataalee poolisii kutaalee magaalaa 11tti argamanitti qaamaan dhiyaachuun akka galmeessisu poolisiin magaala Finfinnee beeksise.

Qaamolee qajeelfama kana hojiirra hin oolchinerratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015